Baale | |||
| |||
File:Godinaalee Oromiyaa.png Godinaalee Oromiyaa | |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Magaalaa Guddaa: | Roobee | ||
Baayyina ummataa: | 1,727,306 | ||
Tuuta'insa ummataa: | 27.02 |
Baaleen godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Daangaan Baalee, kibbaan Gujii (Gujii fi Baale laga Gannaalee Doriyaatu gargar baasa), kibba dhihaan Saba, Sab-lammootaa fi Ummattoota kibbaan, kaaba dhihaan Arsiin, kaaba bahaan Harargee fi kaaba fi kibbi Harargee Laga Shabaleen gargar ba'u), bahaan immo Sumaaleen dangefamtee argamtii. Bakki dherinna gudda Baale keessaa qabu Gaara Baatuu yoo ta'u, gaarri kun immoo Oromiyaa kessattille guddinan tokkoffa dha. Gaarri Baatuu Gaara Urgoma jedhaman jalatti qoodama. Gaaronni biraa urgoma keessatti argamani kan akka Gaara Tulluu Diimtuu, Gaara Darkinna fi Gaara Geesse jedhamani dha. Aanoti bira Baale keessatti argamani kan akka Dodola, Ginniir, Gobba fi Roobee dha.