Boorana | |||
| |||
File:Godinaalee Oromiyaa.png Godinaalee Oromiyaa | |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Magaalaa Guddaa: | Yabello | ||
Baayyina ummataa: | |||
Tuuta'insa ummataa: |
Booranni godiina Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Laftii Booranaa kibbaan Keeniyaan, dhihaan Saba, Sabotta fi Ummatta kibban, kaabaan Gujii, bahaan immo Sumaaleen dangeffamtee argamti. Bakki dheeraan lafa Booranaa keessatti argamu Gaara Dara Xiniro tti. Aanolee Booranaa gugguddoon Moyyaalee, fi Yaaballoo jedhamu.
Rakkoon qilleensa gogaa Boorana kan bara 2006 wal-dhabi Booranaa fi Gujii Caamsaa 22, 2006GC jaqabe akka gudattu sababa ta'ee ture. Torbaan tokkon dudduba immo waranni ka'e ergaa guyya 10 wal hadhanii booda, jaarroleen adda waraana qabbaneessuu danda'aniru. Haa ta'u malee waraana suni qofaan namni 100 hanga 150 ta'anii du'anni, kumii isaani immo bakka isaani irra baqataniru.
Bara dhuma 2005, barreeffama Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaairratti hundeffame Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa(CSA) akka gabaasetti toniin buna 13,533 kan ta'u zonii kanatti akka biqila. Kuni immo ba'ii Oromoffi parsentii 11.8% yoo ta'u, bayyi biyyaffi (Itoophiyaa)f immo parsentii 6.0% ta'a. Booranni bakka warqee oomishamu sadii qaba: kunnis - Kibra Mangisti (Warqee), Laga Dambii(warqiiee) fi Kenticha(Tantalum) kan Shaakkisoo tti dhihattu dha.