Our website is made possible by displaying online advertisements to our visitors.
Please consider supporting us by disabling your ad blocker.

Responsive image


Oromiyaa

Kanas ilaali: Oromoo
Oromiyaa
Biyya: Itoophiyaa
Magaalaa Guddaa: Finfinnee (Addis Ababa)
Afaan Hojii: Afaan Oromoo
Ballina: 353,690 km²
Baayyina ummataa: 35,467,001
Tuuta'insa ummataa: 95/km²

Oromiyaan ( Afaan Ingiliish: Oromia) kutaalee Itoophiyaa kudha tokko keessaa tokko kan taateedha. Ballina lafaa Bahaa hanga Kibba-dhihaa biyya keessatti 353,632 km² ta'e qabatee, baayyina ummataa bara 2002 tilmaamaan hanga miiliyoona digdamii-afurii qabdi (24,000,000), kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyya keessaa tokkoffaa ishee taasisa. Isheenis kan ofii keessa qabdu: kutaa Arsii, Baalee, Harargee, Iluu Abbaa Booraa, Shawaa, Wallagga, Gujii fi Boorana. Magaalaan guddoon Oromiyaa Finfinnee dha. Bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebite. Magaalonni gurguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo, Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbii, Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nageellee, Naqamtee, Shaashamannee, Bulee Horaa dha.

Haala yeroo ammaatiin Oromiyaan naannoo Tigraay irraa kan hafe naannolee hundaan wal daangessiti ykn wal tuqxi. Kunimmoo yeroo tokko tokko walitti bu'iinsa uuma. Fakkkeenyaaf naannoo Sumaalee keessatti. Godinaaleen Oromiyaa keessatti argaman Arsii, Arsii Lixaa, Baalee, Boorana, Gujii, Harargee Bahaa, Harargee , Iluu Abbaa Booraa, Jimma, Shawaa Bahaa, Shawaa Dhihaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Dhihaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Qeellem Wallaggaa, ti.


Previous Page Next Page






ኦሮሚያ ክልል AM أوروميا Arabic اوروميا ARZ Аромія BE Оромия Bulgarian Oromia BR Oròmia Catalan Oromiya Region CEB ناوچەی ئۆرۆمیا CKB Oromie Czech

Responsive image

Responsive image